Baga gara Garee Hojii Walqixxummaa Geejjibaa (TEW) dhuftan!

አማርኛ繁体字简体中文ភាសាខ្មែរ한국어Oromiffaaf-SoomaaliIspeenishTagalogትግርኛTiếng việtAfaan Ingilizii

Waa'ee Keenya

Hojiin keenna namni hundi geejjibaa nagaya qabuu fi gatii madaalawaa ta’e akka argatu gochuudha. Keessattuu hawaasa kanaan dura deeggarsa gahaa hin arganne gargaaruu irratti xiyyeeffanna.

Tajaajila Hiikkaa

Namoonni dhuunfaa, gamtaa fi dhaabbileen hawaasa irratti hundaa’an kanneen iyyannoo ykn Xalayaa Deeggarsa guutuu fi dhiyeessuuf gargaaruuf tajaajila qaqqabummaa afaanii barbaadan iimeelii transportationequity@seattle.gov ykn (206) 530-3260 bilbiluu ni danda’u.

Eenutu Iyyachuu danda'a?

Yoo muuxannoo qabaattee fi garee King Kaawuntii keessatti gargaaruu wajjin hidhata qabaatte iyyachuu dandeessa:

  • Hawaasota Gurracha, Dhaloota Biyyaa kan duraa, Namoota Adii hin taane (BIPOC)
  • Hawaasota galii xiqqaa qaban/argatan
  • Godaantotaa fi baqattoota
  • Namoota hir'ina qaamaa qaban
  • Namoota LGBTQIA+
  • Namoota nageenya mana jireenyaa hin qabne
  • Dubartootaa fi namoota dubarttummaan ofi-ibsan
  • Dargaggootaa fi namoota dullooman
  • Namoota duraan hidhaman
  • Ollaa buqqa'iinsa olaanaan mudate

Yoo fedhii addaa qaqqabummaa qabaadhe gargaarsa akkamii argachuu danda’a?

Fedhii garee keenyaa keessummeessuuf carraaqqii hunda goona. Hojjettoonni keenna fedhii addaa keessaniif furmaata barbaaduu irratti isin waliin ni hojjatu. 

Kaffaltiin Naaf Argamaa?

Eeyyee! Ji'oota sadan jalqabaa orienteeshinii keessan keessatti sa'aatii tokkotti doolaara 50 argattu. Adeemsa orijinteshinii erga xumurtaniin booda sa'aatii tokkotti doolaara 75 kan argattan yoo ta'u, waggaatti hanga doolaara 7,500 argachuu dandeessu. 

Maal Hojjedha?

Waggaa sadii tajaajiluun isin irraa eegama, turtii jalqabaa keessan booda waggaa lama dabalataaf dheerachuu danda'a. Walgahii 2-4 (baay’inaan Zoom irratti) ni argamtu, ji’atti naannoo sa’aatii 9-10 ni hojjettu. Walgahii kana irratti miseensota garee biroo fi hojjattoota magaalaa waliin ni hojjattu. 

Adeemsi Filannoo Maali?

Gareen miseensota TEW fi hojjattoonni SDOT adeemsa qacarrii keessatti iyyannoowwanii fi xalayaa deeggarsaa dhiyaatan ni ilaalu. Gareen kun sana booda kaadhimamaa gaaffii fi deebii gochuuf ni fila. Af-gaaffii booda gareen kun murtee dhumaa murteessee bu’aa qorannoo kaadhimamaa ni beeksisa.

Bu’uurri Walqixxummaa Geejjibaa (TEF) maali?

TEF karoora sirna geejjibaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf miseensota hawaasaa waliin taasifnedha Amma karoora kana hojiitti hiikuuf hojjachaa jirra.


Bal’ina dabalataaf ykn gaaffiiwwan gaafachuuf, sodaa malee iimeelii transportationequity@seattle.gov irratti nuuf erguu.  Isin irraa dhaga'uuf hawwii guddaan eegganna!

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.